Abbaan qabeenyaa Zakii Mahammad jedhamu abbootii warraa 200’f deeggarsa taasise
Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC) – Abbaan qabeenyaa Zakii Mahammad jedhamu Ameerikaa jiraatu abbootii warraa 200’f deeggarsa akaakuu fi maallaqaa taasiseera.
Dhalataa Magaalaa Dirree Dhawaa kan ta’e Zaakii Mahammad kannaan duras deegarsa wal fakkaatu taasisuu ibsameera.
Guyyaa kanas Ruuzii, Zayitaa fi Teemira dabalatee deeggarsa Birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamamu taasiisuu ibsameera.
Abboottiin qabeenyaa deeggarsa walfakkaatu taasisuu cimsanii akkaa itti fufan Bulchinsa Magaalaa Dirre Dhawaatti waamamaan mootummaa fi Itti Gaafataman Paartiii Badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa Obbo Ibraahiim Yuusuuf gaafataniiru
Yaasin Shamsuddintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.