Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Qabeenyaa Warquu Aytanaaw raayyaa ittisa biyyaaf sangoota 50 arjooman

Finfinnee, Mudde 4, 2014 (FBC)- Abbaan Qabeenyaa Warquu Aytanaaw miseensoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa Qaxanaa hidha haaromsaa guddichaatti dirqaama isaanii bahaachaa jiraniif sangoota 50 arjoomaniiru.

Sirna wal harka fudhiinsa taasifame irrattis Abbaan Qabeenyaa Warquu Aytanaaw haasaa taasisaniin, Ityoophiyaan ijoollee ishee iddoo barbaaddu hundaatti ijoollee gootummaa raawwataan qabdi jedhaniiru.

Gareen shororkeessa ABUT kaayyoo isa galmaan gahuuf diinoota keenya seena qabeessa waliin gamtaa uumuun, qaxanaa hidha haaromsaa guddichaa jeequuf yaalii taasisaan Raayyaa Ittisaa Biyyaa fi miseensoota humna addaa naannichaan fashaala’us himaniiru.

Hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisaa Biyyaa naannichaatti argamaanis deeggarsa taasifameef galateeffachuu ragaan fuula Feesbuukii Rayyaa Ittisa Biyyaarra argamee ni muul’dhisa

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna..

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.