Fana: At a Speed of Life!

Abbaan injifannoo duula Tokkummaa Sabdaneessummaaf dirqamnee itti seenne Itoophiyaanotaa fi Itoophiyaadha-Preezdaant Shimallis

Finfinnee, Muddee 25, 2014(FBC)- Abbaan injifannoo duula Tokkummaa Sabdaneessummaaf dirqamnee itti seenne Itoophiyaanotaa fi Itoophiyaadha jechuun Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaan himaniiru.

Waltajjiin Marii Hoggansa Olaanaa Naannoo Oromiyaa ajandaa ‘Injifannoon Waaraa Badhaadhina Hundagaleessaaf’ jedhurratti guyyoota sadan darbaniif Adaamaatti geggeeffamaa ture xumurameera.

Injifannoowwan duula Tokkummaa Sabdaneessummaaf keessatti galma’an, hanqinoota turaniifi kallattiiwwan yeroo itti aanuurratti marii gamaaggamaan deeggarame gochuun waliigalteerra gahameera.

Mariin haala yeroo injifannoo dirree waraanaatti argameen booda taasifame kun injifannoo birootiif of qopheessuuf, tarsiimoowwanii fi tooftaalee nageenyi waaraa itti mirkanaa’u qopheessuun hojiirra oolchuufi adeemsa ijaarsa biyyaa milkeessuuf qooda Ol’aanaa qabaachuusaa mirkaneessaniiru.

Duulli birmadummaa biyyaa fi bilisummaa ummataa kabachiisuuf dirqamnee itti seenne gaaga’ama namoomaa fi mancaatii qabeenyaa guddaa geessisuusaarratti kan waliigale hoggansi ol’aanaan naannichaa, wareegama keessatti injifannoowwan gurguddaan kan galmaa’an ta’uu gamaaggameera.

Hoggansa cimaa gaaga’ama weerara  humna diinaa keessaafi alaatiin nurratti baname keessatti kennameefi tokkummaaa ummata biyyaa rakkoo keessatti uumame dinqifateera.

Carraawwan gaggaarii uumamaniifi dhimmoota sirrachaa deemuu qabanis lakkaa’ee adda baasuudhaan hojiidhaan sirreessuuf waliigalameera.

Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Marii xiinxala haalaa ga’aarratti hundaa’e kanarratti bilchinaan mari’atamee waliigalteerra kan gahame ta’uu ibsan.

Hoggansi marii keessatti Ityoophiyaanota keessaafi alaa waliin ta’anii, dhimma biyyaarratti waliin dhaabbatan hunduu gootota gaafa xiiqii ta’uu isaanii mirkaneesse jedhan.

Obbo  Shimallis Abdiisaa, abbaan injifannoo duula Tokkummaa Sab-daneessummaaf dirqamnee itti seenne Ityoophiyaanotaa fi Itoophiyaadha jedhan. Kanaafis injifannoo arganne lakkoofnee, tarsiimoofi tooftaa ittiin injifanne beeknee, injifannoo dabalataa biroo galmeessuuf of qopheessuu qabna jedhan.

Adeemsa keessa dhufnerraa barachaa, danqaawwan fuuldura keenya jiran hunda dandamachuun galmoota imala Badhaadhinaa milkeessuuf hojjechuu qabna Kan jedhan Ob Shimallis, hoggansiifi caasaan mootummaa sadarkaan jiru dirree hojii hundarratti ciminaan hojjechuu akka qabu kallattii ka’aniiru.

Mariin Wal fakkaatu Guyyaa boruu irraa eegalee godinaaleefi magaalota naannichaa keessatti kan geggeeffamu ta’u Ragaan Paartii Badhaadhina Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.