Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’erratti ibsa laatera

Finfinnee, Bitootessa 30, 2012 (FBC) – Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa labsii yeroo ariifachiisaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’erratti ibsa laatera.
 
Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa labsichi akkaataa heera mootummaa keeyyata 93(1) labsamuu beeksiseera.
 
Akkaataa keeyyatichaatin ” Dhibeen fayyaa ummataa balaarra buusu yoo mudatu” labsicha labsuun ni danda’ama.
 
Manni Maree Ministirootatis labsicha yeroo kanatti labsuun barbaachisaa ta’uu hubachuudhan har’aa eegalee hojiirra akka oolu labsuun akka ragga’uuf Mana Maree Ministirootatiif ergeera jedheera abaan alangichaa.
 
Yeroo labsii muddamaa kanatti ummanni olaantummaa seeraa akka kabaju, gorsaa fi qajeelfamoota mootummaa, ogeeyyii fayyaa fi abbootii amantaatin laataman akka hojiirra oolchan dhaamera.
 
Qaamni labsii yeroo ariifachiisaa kanarra darbe hidhaa amma waggaa 3, yookin adabbii Birrii kuma dhibba 1 amma kuma dhibba 2 kaa’a heerichi.
 
Labsichis Mana Maree Ministirootatiin ega ragga’e har’a; Bitootessa 30,2012 eegalee baatii 5f hojiirra kan oolu ta’a.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.