Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangee fi Koomiishinichi olaantummaa seeraa ni kabachiisnan beeksisan

Finfinnee, Hagayya 12, 2012 (FBC) – Abbaan Alangee Waliigalaa Federaalaa fi Koomiishiniin Poolisii Federaalaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf ni hojjenna jedhan.

Ibsa isaanitiinis obbo Jawaar Mahaammad fayyaa ta’uu isaanii beeksisaniiru.

Koomiishinichi hiriirri har’aa kaasee waamame seermaleessa ta’uu beeksisee, ummanni akka irratti hin hirmaanne dhaamera.

Abbaan alangichaa gama isaatin obbo Jawaar na dhukkubeeran gadi ba’anii dhaddachatti ol deebi’uun ragaan shakkamtoota 8 irratti dhiyaachuuf ture akka hin dhaga’amne gochuun oolmaa dhaddachaa gufachiisera jedheera.

Yaata’uutii obbo Jawaar Mahaammad fayyaa ta’uu waajjiraaleen lamaan beeksisaniiru.

Shakkamtoonni ragaalee sodaachisuun adeemsi haqaa akka gufatu taasisaniirun beeksisanii, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf sochii taasisu keessatti ummanni akka tumsu gaafataniiru.

Koomiishinichi ammoo hiriirri 12,12,12 waamame seera kan eeggate akka hin ta’in beeksiseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.