Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa Waliigalaa fi dhaabbileen waamamtootaa karoora waggaa 10 irratti mari’atan

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa fi dhaabbileen waamamtootaa karoora misoomaa waggaa 10 irratti mari’ataniiru.
 
Ityoophiyaan tarree biyyoota Afrikaa badhaadhanii keessaa tokko taa’uuf muul’ata badhaadhinaa waggaa 10 qabattee jirti jedhan haati Alangaa Waliigalaa aadde Adaanachi Abeebee.
 
Galma misooma biyyaalessaa milkeessuuf olaantummaa seeraa mirkaneessuun, mirga namoomaa kabajuu fi kabachiisuun, akkasumas tajaajila haqaa si’ataa ta’ee diriirsuun barbaachisaa ta’uu himan.
 
Karoora misoomaa waggaa 10 kana keessatti tajaajila haqaa sadarkaa Afrikaatti fakkeenyaa ta’e dhugoomsuuuf kan hojjetamu ta’uu himameera.
 
Sodaa yakkaa hir’isuu, faayidaa mootummaa fi ummataa kabachiisuun, bu’aa qabeessummaa fooyyessuun, mirga namoomaa kabajuu fi kabachiisuun, seeraf bitamuun dhimmoota ijoo karoora waggaa 10 ta’uu isaa ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaarraa argamu ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.