Fana: At a Speed of Life!

Abbaan Alangaa Waliigalaa baatiwwan sadan darbanitti galmeewwan 12,037 irratti murte dabarsu beeksise

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (FBC)- Abbaan Alangaa Waliigalaa bara baajata 2013 raawwii qophii karoora kurmaana jalqabaa, seeraa kabachiisuu fi seeraa yaakka raawwachisu akkasumaas qabiyyee seeraarratti hojiiwwan gurguddoo raawwatamaan irratti har’a ibsa laateera.

Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa Dooktar Geediyoon Ximootiyoos ibsichaan, boqonnaa qophiirratti karoora baajata waggichaa qopheessuu fi karooricharratti hojjeettota dhaabbatichaa fi qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin dhimmota ijoorratti mari’atameera jedhan.

Dhaabbatichi gurmaa’ina haaraa diriirsuun damee hojii xiyyeeffannoo barbaadan raawwataniif kutaawwan biroon hundaa’eera jedhan.

Bu’uuruma kanaan yakkoota daa’mmanii fi haadholiirratti raawwatamu kan hordofuu daayreektooreetiin hundaa’uu ibsaniiru.

Ergamni dhaabbaticha inni ijoon seeraa kabachiisuu, yakka qulqulleessuu, qorannoo taasisuu fi himataa banuudha jedhan.

Haaluma kanaan kurmaana jalqabaatti galmeewwan yakkaa 12,239 mana murtii waliigalaaf kan dhiiyatan yoo ta’u, kanneen keessa galmeewwan 12, 037 irratti murtoon darbuu kaasaniiru.

Dooktar Geediyoon dhaabbitichi hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjeete keessaa yakka diinagdeen walqabatee namoota yakkichaan to’ataman adabuu qofa osoo hin taanee hojii yakkichaan maallaqaa argatan fudhatanii akka itti hin fufneef hojiin qabeenyaa deebisuurratti xiyyeefffannoon kan hojjeetu kutaan hojii haaraa gurmaa’uu ibsaniiru.

Kutichi hojii isaatin Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 12 mootummaf deebisuurratti argama jedhaniiru.

Dooktar Geediyoon ajjeechaa artiist Hacaaluu Hundeessaan walqabatee iddoo garaagaraatti hokkora umameen miidhaa lubbuu fi qabeenyaarra ga’een baatii 2 keessaatti hojii qorannoo qindoominaan hojjeetameen sadarkaa federaalaatti galmeewwan 114 fi shakkamtoota kuma 3 irratti himanni banamuu ibsaniiru.

Obsee waggaariitiin

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.