Fana: At a Speed of Life!

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaan keessuummoota Irreechaa kabajuuf argaman galateeffatan

Finfinnee, Fulbaana 25, 2017 (FBC) – Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Barreessaan Abbootii Gadaa Oromoo Goobana Hoolaan keessummoota Ayyaana irreechaa kabajuuf argaman hunda Maqaa Ummataa Oromootiin galateeffataniiru.

Abbaan Gadaa Goobana Hoolaan irreechi Hora Finfinnee milkaa’inaan xumuramuu ibsaniiru.

Irreecha Hora Harsadee guyyaa boruu kabajamuus kara milkaa’ina qabuun akka xumuramuuf hundi itti gaafatamummaa isaa akka bahatu gaafataniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa gamasaaniin, keessummoonni biyya Alaa fi keessa Ayyaana Irreechaa kabajuuf gara magaalaa keenyaatti dhuftan, baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

Maartaa Geetaachootu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.