Fana: At a Speed of Life!

Aayyaanni Irreechaa kallattii kaa’ameen kabajamuu qaba jedhan abbootiin Gadaa Oromoo

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Aayyaanni Irreechaa kallattii kaa’ameen kabajamuu qaba jedhan abbootiin Gadaa Oromoo.

Gumiin Abbootii Gadaa Oromoo kabaja Irreeecha Hora Finfinnee fi Harsadeerratti ibsa laataniiru.

Ayyaanichi vaayrasii koroonaa ilaalcha keessa galchuun of eeggannaadhan kabajamuu qabas jedhaniiru.

Kanaafis gumichi ayyaanni Irreechaa namootii muraasan akka kabajamu murteessuu beeksiseera.

Irreechi ayyaana jaalalaa, nageenyaa fi galateeffannaatis jedhaniiru.

Irreechi siyaasarraa bilisa ta’uudhan akka kabajamu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.