Fana: At a Speed of Life!

Aarbaa Minci aanaa Zuuriyaatti balaa lolaa mudateen miidhaan qaqqaabe

Finfinnee, Amajjii 26, 2012 (FBC) – Godina Gaamoo Aarbaa Minci aanaa Zuuriyaatti guyyaa har’aa balaa lolaa mudateen namoonni kumni 13 ol qe’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’uu waajjirri bulchiinsa godinichaa beeksiseera.

Aanichatti gandoolee balaan lolaan kun mudatee Eelgoo, qollaa sheel fi sheel meelaa keessatti ta’u itti gafaataman waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa Godinichaa obbo Asagiid Tafarraa himaniiru.

Aanichatti Kaleessa roobaa cimaa roobeen lagni Silee fi Seegoo guutuun jiraattotaa  gandichaa irratti miidhaa qaqqabsiiseera.

Balaa kanaan  manni jireenya kumni 13 fi 885 bishaaniin fudhatameera.

oomishni lafa heektaara 32 irraa guutumatti barbadaa’uu himameera.

Lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqaa’aniif deeggersa namoomaa gochuuf bulchiinsi godinichaa hojjechaa jiraachuu himameera.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.