Fana: At a Speed of Life!

Aanaan Gumii Eel Dalloo Shaneerraa Qulqullaa’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Duula Godina Gujii Aanaa Gumii Eel Dallootti gaggeeffameen aanichi hidhattoota Shaneerraa Qulqullaa’uu Raayyaa Ittisaatti Qajeelchi Waliigalaa Ajaja Lixaa beeksiise.

Gareen Shanee waggoota Afuriif aanicha mandheeffatee ture hedduun isaanii barbadaa’uu ibsameera.

Qindeessan Ajajichaa fi Dursaan Duulichaa Koloneel Girmaa Ayyaanaan, waraana gaggeeffameen miseensonni garichaa 200 ol ajjeefamuu fi 100 ol ammoo madaa’uu, akkasumas 22 booji’amuu eeraniiru.

Hidhattoonni garee Shororkeessaa ABUT Miseensota barbadaa’aan keessatti kan argaman ta’uu ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.