Aanaaleen Talaalaak, Dawwee fi Daaliifageen tajaajila humna elektirikaa argatan
Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Aanaaleen Talaalaak, Dawwee fi Daaliifageen tajaajila humna elektirikaa argachuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa beeksiise.
Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Afaar iddoolee weerareetti turetti bu’uuraalee misoomaa hedduu barbadeessuun kan yaadatamuudha.
Tajaajilli Humna Elektirikaa naannichaa hirmaanaa olaanaa taasiisuun aanaaleen Talaalaak, Dawwee fi Daaliifageen irra deebiin Tajaajila Humna Elektirikaa argataniiru.
Iddoolee hafan yeroo gabaabaa keessatti akka argataniif hojiin suphaa hojjetamaa jiraachuu ragaan Tajaajila Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argamee ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.