Fana: At a Speed of Life!

Godina Iluu Abbaa Boorii fi Shawaa Kaabaatti proojaktoonni misoomaa ebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Aanaaleen godina Iluu Abbaa Boor ambulaansota 12 yoo argatan, Shawaa Kaabaatti proojaktoonni misoomaa ebbifamaniiru.
 
Godina Iluu Abbaa Booritti proojaktoonni Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 97 oliin ijaarraman 381 ebbifamaniiru.
 
Waldaan Misooma Oromiyaa ambulaansota 12 Birrii miiliyoona 42 oliin bituudhan aanaalee godina Iluu Abbaa Booratiif laate.
 
Ambulaansonni kanneen bakka itti aantuun preezdaantii, qindeessituun kilaastara magaalaa aadde Caaltuu Saaniin argamanitti kaleessa aanaalee godinichaatif dabarfamaniiru.
 
Aanaalee godina Shawaa Kaabaatti ammoo proojaktoonni misoomaa addaddaa bakka itti ananaa preezidaantii, qindeessaan kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa argamanitti eebbifamaniiru.
 
Aanaa Qimbibiititti Hoospitaalli Shanoo bara 2007 Birrii miiliyoona 64 ijaaramaa ture ebbifameera. Hoospitaalli
kun namoota kuma dhibba 2 fi kuma 32 oliif tajaajila kenna jedhameera.
 
Aanaa Jiddaatti ammoo proojaktiin jallisii laga Qalaaddii irratti hojjetamaa ture, lafa heektaara 57 misoomsuu danda’u kan Birrii miiliyoona 6.9 hojjetame xumurameera. Qonnaan bultoota 179f tajaajila kenna jedhameera.
 
Aanaa Waacaaleettis Hoospitaalli Muka Xurii Birrii miiliyoona 32 ijaarame ebbifameera.
 
Aanaa Kuyyuutti proojaktoonni misoomaa adda addaa 16; waajjira bulchiinsaa abbaa darbii 3, daandiin koobilistoonii fi cirrachaa kan Birrii miiliyoona 44.65 hojjetamaa turanis jila kanaan ebbifaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.