Fana: At a Speed of Life!

Aanaaleen Awuraa fi Guliinaa garee Shororkeessaa ABUT irraa bilisoomsan

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Humni Addaa fi Milishaan Naannoo Afaar aanaalee Awuraa fi Guliinaa garee Shororkeessaa ABUT irraa bilisoomsuu ibsame.
 
Guyyaa har’aa tarkaanfii Humni Addaa fi Milishaan naannoo Afaar fudhataniin garichi aanaalee Awuraa fi Guliinaa gadhisiisuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Afaarirraa argame ni muul’isa.
 
Guyyaa kaleessaa Raayyaan Ittisaa, Humni Addaa fi Milishaan naannoo Afaar tarkaanfii waloo fudhataniin Godina Fantii Rassuu aanaa Uwwaa garee shororkeessaa ABUT irraa bilisoomsuun kan yaadatamuudha.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.