Fana: At a Speed of Life!

Aanaalee Oromiyaa garaagaraatti caasaan bulchiinsa gandaa bifa haaraan hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC) – Ummata Itti dhiyeenyaan caalmaatti Tajaajiluuf Aanaalee Oromiyaa garaagaraatti caasaan bulchiinsa gandaa bifa haaraan hundaa’eera.

Haaluma kanaan Aanaaleefi Gandoota Godinaalee Oromiyaa keessatti ramaddiin gurmaa’insa sadarkaa sadarkaan gaggeefameera.

Kenniinsa tajaajilaa ariitii fi qulqullina qabu sadarkaa Gandaatti diriirsuuf gurmaa’insi haaraan kun yeroo jalqabaaf sadarkaa Gandootaatti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

Gurmaa’insi haaraan kun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuufi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf shoora ol’aanaa qabaachuu eerameera.

Gurmaa’insi caasaa haaraa bulchiinsa gandaa kun har’aa jaqlabee hojiirra ooluu eegaluu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.