Fana: At a Speed of Life!

Aanaalee godinichaa 10 keessatti lafa hektaara kuma 111 Qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Aanaalee godinichaa 10 keessatti lafa hektaara kuma 111 Qamadii jallisiin misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaan Godinichaa beeksise.
Hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 40 ol facaafamuu himameera.

Ganna roobaan bona jallisiin wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Bulchaa Itt aanaan godinichaa Obbo Asaffaa Tolasaa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf tarsiimoo garagaraa hojiirra oolchuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Aanaalee godinichaa 10keessatti lafa hektaara kuma 111 qamadii jallisiin misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti heektaarri kumni 40 ol sanyiin uwwifamuu himaniiru.

Aanaa Dodolaatti gandoota aanichaa 9 keessatti lafa hektaara kuma 21 facaasuuf karoorfamee hanga ammaatti hektaarri kuma 10 ol faca’uu ibsameera.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.