Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Yaaballootti Piroojektiin Finnaa hidha bishaanii Birrii miiliyoona 200 oliin hojjetame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2016 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Yaaballootti Piroojektiin Finnaa hidha bishaanii Birrii miiliyoona 200 oliin hojjetame eebbifame.

Rakkoo Horsiisee bulaa hundeerraa furuuf mootummaan xiyyeefannoo guddaa kennuun pirojektii finnaa,jallisii fi Misooma margaaf kennee hojjechaa Jira jedhan, bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdulsalam Waariyoon.

Hoogannaa Itti Aanaa Biiroo Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Alamuu Raggaasaa ,mootummaan jiruuf jireenya Horsiisee Bultootaa jijiiruuf piroojektoota hiika qaban Finnaa fi jallisiif xiyyeffannoo kennuun hojjechaa jiraachuu dubbachuu ragaan Kominikeeshinii godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.