Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Sokorruutti balaa Tiraafikaa mudateen namoota 16 irraa miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Hagayya 14, 2016 (FBC) –Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti Balaa tirafikaa mudateen namoota 16 irra miidhaan qaamaa cimaa fi Salphaan qaqqabuu Qajeelcha poolisii godina Jimmaatti Itti Gaafatamaan To’annoo fi Nageenya Tiraafikaa Gargaara Inispeektar Jiraataa Addunyaa ibsan.

balichii Aanaa Sokorruu bakka damizii jedhamutti Konkolaataan deddeebisa ummataa namoota 65 fe’e Finfinneerraa gara Jimmaatti imalaa ture daandii irraa maquun balaa mudateen miidhaan Cimaa namoota 5 fi salphaan immoo namoota 11 irra qaqqabuu himaniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu eeraniiru.

Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.