Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Sokorruutti Balaa tiraafikaa mudateen lubbuun nama 1 yoo darbu, namoota 4 irra miidhaan qaamaa cimaan qaqqabe

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Godina Jimmaa Aanaa Sokorruu ganda Gangalataatti Balaa tiraafikaa mudateen lubbuun nama 1 yoo darbu, namoota 4 irra miidhaan qaamaa cimaan qaqqabe.
Konkolaataan deddeebisa Uummataa’ Izuuzuu’ jedhamu kallattii Finfinneerraa gara Jimmaa imalaa ture halkan keessaa naannoo sa’atii 10:00 ganda Gangalataatti garagaruun balaa kana qaqqabsiiuu qajeelcha Poolisii Godina Jimmaatti Qindeessan Diviizyinii tiraafikaa Gargaaraan Inispeektar Jiraataa Addunyaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniru.
Tasfahuun Kabbadaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.