Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Sinaanaatti Riqichi cituun miidhaa dhaqqabsiise

Finfinnee, Fulbaana 1, 2017 (FBC) – Godina Baalee Aanaa Sinaanaatti Riqichi Laga Togonaa cituun, Konkolaataa fe’umsaa dhidhimsuu ibsame.

Balaa dhaqqabeen konkolaachisaafi namoota konkolaaticha keessa jiran lamarra miidhaan qaamaa kan gahe yoo ta’u, qabeenyis manca’uu eerameera.

Riqichi cites yeroo dheeraaf tajaajila kennaa kan ture yoo ta’u, sochiin geejjibaa gara Godina Baalee Bahaatti taasifamu danqamuu Bulchaan aanaa Sinaanaa Obbo Balaay Bojaan ibsuu OBN gabaasera.

Riqicha sibiilaa daandii Roobee- Gooroo-Gindhiir irratti cabe hordofuun tajaajila geejjibaa danqame yeroo gabaabaa keessatti banaa taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaatti hogganaan Waajjira Bulchiinsa Pirojektii Ijaarsaa Naannawa Baalee Injinar Amansiisaa Taaddasaan himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.