Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Saxxamaatti proojektoonni adda addaa eebbiffaman

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Godina Jimmaa aanaa Saxxammaatti proojaktoonni garagaraa Birrii miiliyoona 54 fi kuma dhibba 6 fi kuma 13 ijaaraman eebbifamaniiru.

Proojaktoonni eebbifamanis, bishaan dhaugaatii qulqulluu, riqicha, jallisii ammayyawaa fi waajjiralee garagaraatti.

Jiraattoonni sirna eebbaarratti argamanis ammarratti proojaktoonni saffisaan xumuramanii tajaajilaaf ooluun isaanii rakkoo hawaas-dinagdee ummataa hiikuuf shooraa olaanaa qabu jedhaniiru.

Bulchaan aanaa Saxxammaa obbo Abdul Jabbaar Abaadir hawwii misoomaa ummataa dhugoomsuuf yeroo kamiinuu caalaa xiyyeffannoo akka hojjetan dubbataniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.