Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Quwaaraatti namni dhuunfaa meeshaalee waranaa seeraan ala daddabarsaa ture to’annoo jala oole

Finfinnee, Eebila 14, 2012 (FBC) – Godina Goondar dhiha aanaa Quwaaraatti namni dhuunfaa meeshaalee waranaa seeraan ala daddabarsaa ture to’annoo jala oolu waajjirri poolisii aanichaa beeksiseera.

Bakka bu’aan waajjira poolisii aanaa Quwaaraa Saajiin olaanaa Daamxaw Moollaa, namni dhuunfa to’annoo jala oole naannoo lubbuu balleessuu tokkoffaadha jedhamee waamamuutti rasaasa garaagaraa qabachuu socho’aa tureera jedhan.

Namichi kun motor saayikili lakkoofsa gabatee hin qabneen koovii kilaashii kuma 1 fi 142 fi rasaasaa qawwee akkasumaas kuusaa rasaasaa 38 qabatee argamuu ibsaniiru.

Aanichi Sudaan waliin daangaa waan ta’aniif weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf labsi ba’een qamooleen nageenyaa to’annoo taasisaniin to’atamuu himaniiru.

Hojilee seeraan ala hojjetaman to’achuuf tattaffii taasifamuuf hawaasni qamoolee nageenyaaf eeruu kennuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.