Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Qimbibiititti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namootaa darbe

Finfinnee, Adoolessa 18, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaa aanaa Qimbibiititti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namootaa darbe.

Aanichatti balaa tiraafikaa guyyaa kaleessaa naannoo sa’aatii 10:00 bakka Gabaa Kamisaa jedhamuun beekamutti qaqqabeen lubbuun namoota 3 yoo darbu namoota 10 irratti miidhaa Cimaan namoota 9 irratti ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu qajeelcha poolisii godinichaatti hogganaan diiviizhinii tiraafikaa Inispeektar Taakkalaa Toleeraa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ibsaniiru.

Balichi kan qaqqabe konkolaataan uummataa magaalaa Dabra Biraan irraa gara magaalaa Finfinnee imaluufi konkolaataan dhuunfaa piikaappiin magaalaa Finfinneerraa gara magaalaa Dabra Biraan imalu walitti bu’uun ta’uu eeraniiru.

Sababani ka’umsa balichaa qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.

Alaayyuu Garramootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.