Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Qarsaatti Doolaarri kumni 40 ol seeraan alaa dabarfamaa ture to’atame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015(FBC)- Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti Doolaarri Ameerikaa Seeraan alaa daddabarfamaa ture kumni 40 fi 75 to’atame.

Maallaqni kun konkolaataa deddeebisaa ummataan Finfinneerraa ka’uun gara Jigjigaatti dabarfamaa utuu jiruu godinicha Aanaa Qarsaatti to’atameera.

Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa poolisii godinichaa waliin ta’uun hordoffii taasisaniin kan to’atame ta’uu Itti Gaafatamaan Diviizhinii Miidiyaa fi Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Inispeektara Olaanaa Tolasaa Gooshuu beeksisaniiru.

Shakkamtoonni yakkichaa Doolaara daddabarsaa turanitti dabalataan dabtara herrega baankii garaagaraa fi bilbiloota moobaayilii waliin to’atamuu ibsaniiru.

Doolaara seeraan alaa kanas soolii kophee keessaa dhoksuun dabarsuuf kan yaalan yoo ta’u shakkamtoonni 3 to’atamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachii ubsaniiru.

Tashoomaa Haayiluutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.