Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Qarsaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Bitootessa 6, 2017 (FMC) – Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu poolisiin Godinichaa beeksise.

Konkolaataan ISUZU jedhamu magaalaa Watar irraa Jimaa fe’ee gara magaalaa Qarsaa imalaa ture Ganda Ifaa Jaalalaatti daandirraa maquun Doqdoqqeetti bu’uun konkolaachisaa dabalatee lubbuun namoota 4 battalumatti darbuu Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatti Itti Gaafatamaan Kutaa Kominikeeshinii fi Miidiyaa Gargaaraa Inispeektaraa Kaasiyyee Abbabaan FMC tti himaniiruu.

Nageessoo Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.