Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Nuunnuu Qumbaatti oppireeshiinii qindaa’aa adeemsifameen meeshaaleen waraanaa gosti adda addaa to’annoo jala oole

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Godina Wallagga Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaatti oppireeshiinii qindaa’aa adeemsifameen meeshaaleen waraanaa gosti adda addaa to’annoo jala ooluu ibsameera.
Qabeenyi uummataa fi mootummaa farreen nageenyaan saamamee dhoksamaa ture qindoomina hawaasaa fi qaamolee nageenyaan sakatta’iinsa taasifameen to’annoo jala oolaa jiraachuu ibsameera.
Ajajaan poolisii humna addaa Aanichaa Inispeektar Geetachoo Girmaa akka jedhanitti nageenya amansiisa hawaasni keessatti qooda qabu uumuuf hawaasa waliin qindaa’uun oppireeshiinii adeemsifameen meeshaaleem waraanaa gosa adda addaa fi uffatni Shaneen lafa qottee awwaalee baqatte argamuu ibsaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa aanichaa obbo Nagaash Alamayyoo diina ummata oromoo shanee ummata saamu ,buqqisu, qabeenyaa mancaasaa ture balleessuun nageenya waaraa uumuuf sochii ummata waliin taasifameen meeshaalee waraanaa gosa adda addaa 606, rasaasaa 1056 fi midhaan gosa adda addaa kuntaala 800 ol to’atamuu ragaan BDhKMNO irraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.