Aanaa Muunessaatti dargaggoonni shanee waliin hiriiranii turan araara jaarsoliin biyyaa taasiisaniin hawaasatti makaman
Finfinnee, Sadaasa 10, 2014 (FBC) – Godina Arsii Aanaa Muunessaatti dargaggoonni shaneetti makamanii turan hojii jaarsoliin biyyaa hojjetaniin akkataa araara seera Gadaan hawaasatti makamaniiru.
Dargaggooni diinatti makamanii turan kunneen sirna araaraa magaalaa Qarsaatti taa’ameen deebi’uun uummatatti makamaniiru jedhame.
Dargaggoota gorsa maatii, gosaa fi jaarsolii biyyaa didan ammoo abboottiin gadaa diinummaa itti lallabaniiru jedhameera.
Sirnuma kanarratti ciramni bosonaa, buttaa, Umrii malee heerumsiisuun akka hafuuf Abbootiin Gadaa labsii dabarsaniiru.
Sirnicharratti bulchaa godina Arsii Musaa Furoo dabalatee bakka bu’oonni Mootummaa Naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaarraa bakka bu’ootni aanaalee Heeban Arsii fi Siraaroo argamaniiru jehame.
Yoonaataan Biraanuutu gabaase.
Naannoo Keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.