Aanaa Miidhagaa Tolaatti barbareen kuntaalli kuma 15 argamu ibsame
Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC)-Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti barbareen kuntaalli kuma 15 argamuu Waajjirri Qonnaa aanichaa beeksiseera.
Aanaan Miidhagaa Tolaa aanaalee Godina Harargee Bahaa keessaa aanaa gammoojjummaan itti heddummatuu fi % 70 ol immoo aanaa horsiise bulaan keessatti argamuudha.
Aanichatti bara kana lafti hektaarri 900 ol oomisha barbareen uwwifamuu wajjirichi ibseera.
Kanaanis qonnaan bultoonni aanichaa fayyadamoo tahaa jirra jedhaniiru.
Itti aanaa waajjira qonnaa aanaa miidhagaa Tolaa obbo Ameeddin Huseen aanichatti oomishaa fi oomishtummaa barbaree dabaluun hawaasni hojii horsiisa beeyladaan cinatti, qonna barbareerraa galii olaanaa akka argatu taasifamaa jira jedhan.
Rakkoon gabaa qonnaan bultoota akka hin mudanneefis waaldaalee buu’uuraa fi yuuniyeenota waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu obbo Ammeedin himaniiru.
Biqilaa Alamuutu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.