Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Liiban Jaawwiitti balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Sadaasa 6, 2014 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa aanaa Liiban Jaawwiitti balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namootaa 4 darbuu ibsameera.

Balaa qaqqabbeen namoota 11 irra miidhaa qaama cimaan yoo qaqqabu, 4 irra miidhaan salphaan gaheera.

Namoota balaa kanaan miidhamaan irra gahe keessaa 4 daa’imman waggaa afurii gadiiti jedhameera.

Ogeessi Tiraafikaa aanichaa Saajiin Olaanaan Gizaachoo Daamaa, balichi kan qaqqabe godina Shawaa Lixaa aanaa Liiban Jaawwii ganda  Liiban Gaamoo jedhamutti ganama keessaa tilmaamaan naannoo sa’aatii 3:00tti jedhaniiru.

Konkolaataan fe’uumsa FSR Amboo irraa gara Geedoo imalaa turee fi konkolaataa deddeebisaa uummata Abbaa Duulaa magaalaa Ijaajjii irraa gara Ambootti imaltoota fe’ee deemu walitti bu’uun balichi qaqqabuu ragaan waajjira dhimmoota kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.