Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Gololchaatti dargaggoota albuuda baasaa turanirratti biyyeen jiguun lubbuun namoota 7 darbe

Finfinnee, Gurraandhala 15, 2014 (FBC) – Godina Baalee Bahaa Aanaa Gololchaatti dargaggoota albuuda baasaa turanirratti biyyeen jiguun lubbuun namoota 7 darbeera.
Godina Baalee Bahaa Aanaa Gololchaa Ganda Bullaallaa Kajawaa iddoo Addaa Zoonii Baasoo Diimatti dargaggoota Albuuda baasaa turan irratti biyyeen jiguun lubbuun namoota 7 yoo darbu, namoota hafan irratti ammoo miidhaa cimaan gaheera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Misooma Albuudaa Godina Baalee Bahaa obbo Birhaanuu Joobiraa dhimma kanarratti yaada kennaniin, balaa qaqqabeef gaddi itti dhaga’amee erga ibsaniiru.
Qorannoo taasisuun haala qabatamaa iddoo albuudichaa sirriitti adda baasuun hawaasa naanicha fayyadamaa taasisuuf hojiitti galamee jiraachuu ibsuun, dargaggoonni kunneen garuu haala biyyee sanaafi dhimmoota kanaan wal qabatan osoo adda hin baafatin dursanii ofii isaaniitiin deemuu isaanii kaasaniiru.
Balaa kanaanis lubbuun namoota 7 yoo darbu namoota 11 irra miidhaa qaamaa cimaan ga’uun yaalamaa jiraachuu ta’uu ragaan waajjira Komunikeshinii Godina Baalee Bahaarraa arganne ni mul’isa.
Maatummaan Naannoo Oromiyaa balaa qaqqabeef Gadda Guddaa itti dhaga’amu ibsaa, matiifi firoottan isaanii hundaaf jajjabina hawwa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.