Aanaa Dullachaatti Volkaanoon dho’e
Finfinnee, Mudde 25, 2017 (FMC)- Naannawaa tibbana kirkirri lafaa itti mudataa ture keessaa Aanaa Dulachaa Gaara Doofan irratti Volkaanoon dhowuun eerame.
Dhohiinsa Volkaanichaa hordofee jiraattota naannawichaarra miidhaan akka hingeenyeef tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Naannoo Afaaritti Bulchaan Godina Gaabii Rasuu Abduu Alii Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.
Bu’uuruma kanaan hojiin jiraattota buufata yeroo qubsiisuu hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Kirkirri lafaa irraa deddeebiin mudachuun itti fufuu kaasanii, dhohiinsi Volkaanoo har’a uumamuu fi kirkirri turees kan duraan mudachaa tureerra cimaa ta’uu himaniiru.
Yohaannis Darribootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia