Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dugdaa Daawwaatti Manni Murtii Aadaa hundeeffame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugdaa Daawwaatti Manni Murtii Aadaa aanichaa hundeeffameera.

Waraqaan haala waliigalaa hundeeffama mana murtii aadaatii fi caaseffamaa isaa agarsiisuu Preezdaanti Mana Murtii Aanaa Dugdaa Daawwaa obbo Areeroo Waataatin dhihaateera.

Manni murti kun sadarkaa gandaati hanga oli dabarfata akka qabu ibsameera.

Yakka raawwatameef ammoo dubbicha ilaalee, araarsuu, ta’uu baannaan adabbii kennus akka danda’u barreeffamni dhihaate eerera.

Kun kan ta’uu bu’uuraa aadaa fi duudhaa hawaasichaarratti kan bu’uureeffatu akka ta’uu himameera.

Gaaffiwwan hubannoo kanneen akka daangaan mana murtii ammayyaa fi aadaa eessaa, dhimma mana murtii aadaa magaalota ilaalataa kan jedhan kaa’aniru.

Sadarkaa gandaatti namoonni mana murti aadaa kanaaf filataman badii raawwataniif akkamitti gaafatamuus akka gaaffiitti kaasaniiru.

Namni dura deemaa manaa murtii tahe filatamuu naamusaafi fudhatamummaa hawaasa keessatti qabuun akka tahee eeruun, turtii filatama ammoo hanga waggaa saddeetii akka tahee himan obbo Areeroo Waataa.

Akka gabaasa OBNtti yakka raawwatee fi ammoo itti gaafatamummaan ni jiraataa jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.