Aanaa Dooraniitti Proojektoonni baajata mootummaa Birri miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 90 oliin hojjatamaa turan eebbifan
Finfinnee, Eebila 15, 2013 (FBC) – Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Dooraniitti proojektoonni adda addaa birrii miiliyoona dhibba1 fi miiliyoona 90 oliin hojjetamaan tajaajilaaf qophaa’uu himameera.
Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa,Koolleejjiin Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Elemoo, proojeektiin misooma Jallisii fi proojektiin ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa gandoota 8 fayyadamaa taasisu birrii miiliyoona dhibba1 fi miiliyoona 90 oliin hojjetamaa turan tajaajilaaf banaa ta’uu ibsameera.
Hojiin Proojektoota kunneenii yeroo dheeraaf harkifachuun rakkoo bulchisa gaarii olaanaa ta’uun hawaasa komachisaa kan turan ta’uuu ibsameera.
Bara kana mootummaan xiyyeeffannoo addaa itti kennuun tajaajila akka eegalan taasiiuun danda’amera jedhame.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.