Aanaa Doddotaa magaalaa Guddattuu Dheeraa fi Awaash Malkaa Sa’aatti Proojektoonni garaagaraa eebbifaman
Finfinnee, Caamsaa 25, 2013 (FBC) – Godina Arsii Aanaa Doddotaa magaalaa Guddattuu Dheeraa fi Awaash Malkaa Sa’aatti Proojektoonni garaagaraa 8 Birri miiliyoona 63.3 ijaarraman eebbifamaniiru.
Proojektoonni bishaan dhugatii, Bo’oo lolaa’ daree dabalata, daandii cirrachaa fi dhagaa Koobilii daandii, Jallisii fi ijaarsi Waajjiraalee adda adda eebbifameera.
Bulchaan bulchinsaa godina Arsii obbo Jamaal Aliyyiin fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun dirqama mootummaa ta’uu eeruun,hawaasni tajaajila iftoomaa fi haqa qabeessa ta’e argachuu akka qaban sirnicharratti dubbataniiru.
Rakkoolee akka biyyatti yeroo ammaa muudachaa jiran dandamachuun hojii misoomaa jalqabame xummursiisuun tajaajila hawaasaaf qopheessuuf murannoon hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Inistiityuutii fi Pilaanii magaaloota Oromiyaa Dooktar Daadhii Wadaajoon dubbataniiru.
Midhaksa Qachaatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.