Aanaa Dirreetti shakkamaan deeggarsa ummataa ofiif buufate to’atame
Finfinnee, Bitooteessa 2, 2015 (FBC)-Godina Booranaa Aanaa Dirreetti shakkamaan deeggarsa uummataa faayidaa dhuunfaa isaaf utuu buufatuu argame to’annoo jala ooluu Waajjirri Poolisii Aanaa Dirree beeksise.
Shakkamaan to’atame, konkolaataa FSR’n marga beeyladaa beelii 340 fe’achuun baanarii ‘Deeggarsa Ummata Booranaaf’ jedhu maxxanfachuun geejjibsiisee, mana dhunfaa isaatti busaa osoo jiruu eeruu ummataan qabeenyi, konkolaachisaa fi abbaan qabeenyaa to’annoo jala oolfamuu ibsameera.
Dhimmiisaaniis qoratamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Poolisii Aanaa Dirree Inspeektar Jaarsoo Guyyoo himaniiru.
Qaamolee maqaa deeggarsa ummataan yakkoota adda addaa dalagan qindoominaa qaamolee nageeny fi uummataan tarkaanfii fudhachuun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Namoonni gochoota akkanaarratti bobba’anis gochaasaaniirraa of qusachuu akka qaban hubachiisuu ragaan Kominikeeshinii Godinichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.