Aanaa Digaluuf Xiijootti duulli misooma qabeenya uumamaa hirmaannaa ummataatin hojjetamaa jiru daawwatame
Finfinnee, Amajjii 17, 2014 (FBC)-Duulli misooma qabeenya uumamaa hirmaannaa ummataatiin Aanaa Digaluuf Xiijotti hojjatamaa jiru garee hoggansa Biiroo Qonnaa Oromiyaa fi waajjira qonna godina Arsii daawwatameera.
Ummanni Aanaa Digaluuf Xiijoo muuxannoo kanaan duraatiin faayidaa isaa waan agarreef, duula hojii misooma qabeenya uumamaa kana gammachuu guddaadhaan irratti hirmaachaa jirra jedhanii jiran.
Itti Aanaa itti gaafatamaan waajjira qonna godina Arsii Obbo Musxafaa Huseen,duula hojii misooma qabeenya uumamaa kanaan daagaa hidhuun harama biyyo hir’isuuf qofaa kan hojjachaa jirru miti.daagaan qoramee Hallayyaa hidhuun,gaabiyooniin garaa Fi istaakcharii bishaaniin hidhuun fi boolla biqiltuu ganna dhaabbatuuf qopheessuuttu hojjataa jira jedhaniiru.
Duula kanaanis biqiltuun Ganna dhaabbatuuf sanyiin muka gosa garaa garaa kuntaalli dhibba 3 fi 79.1 qophaayee jiras jedhaniiru.
Hojii duula misooma qabeenya uumamaa kanaanis Akka godina Arsiitti qonnaan bultoonni Kuma dhibba 5 fi Kuma 30 Fi dhibba 4 fi 81 kan irratti hirmaachaa jiru.
Biiroo Qinnaaf qabeenya uumamaa Oromiyaatti ogeessi Qabeenya uumamaa Obbo Daawwit Tamasgeen godinni Arsii qabeenya uumamaatiin badhaatuu akkuma taate,hojii misooma qabeenya uumamaa cimaa barbaaddi.kanas milkeessuuf hidhamiinsa guddaan duula misooma kana daawwachiisaa jirra jedhanii jiran.
Jamaal Gandootu gabaase
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.