Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dabra Liibaanoossitti haaromsi Gadaa gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaa aanaa Dabra Liibaanoositti sirni Gadaa haarome.

Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii aanichaa akka beeksisetti haaromsi gumii abbootii Gadaa gaggeeffameera.

Aanichatti hundeffama gumii abbootii Gadaa bifa haraan hundeessuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Aadaa fi Tuuriizimii aanichaa beeksiseera.

Sirna Gadaa jarraa tokkoo fi walakkaa booda bakkatti deebisuuf seenaa fi aadaa uummata Oromoo deebisuuf hojjetamaa jiraachuu abbaan Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa himaniiru.

Abbaa Gadaa Goobanaa Hoolaan sirnicharratti argamuudhan ergaa dabarsaniin, sirna Gadaa cimsuudhan tokkummaa Oromoo ijaarun ni barbaachisa jedhaniiru.

Sirnacha irrattis abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, qeerroo, qarree, hojjettoonni mootummaa fi jiraattonni aanichaa argamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.