Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Dabra Libaanoositti Balaa Tirafikaan Lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Ebla 15, 2016 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dabra Libaanositti balaa tirafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuun ibsame.

Aanaa Darba Libaanoos Ganda Waakkeenneetti Konkolaataan manaa Finfinneerraa gara Gadaamii Dabra Libaanoos imalaa jirtu kallatii gadhiisuun konkolaataan geejjiba Ummataa Qaxxamuraa biyyaa Naannoo Amaaraa Koosoobarri irraa gara Magaalaa Finfinneetti imalaa ture waliin walitti bu’uun balichi kan uumame ta’uun ibsameera.

Balichaan battalumatti lubbuun namoota 4 yoo darbu namoota 14 irra balaan cimaa fi namoota 8 irra balaan salphaan qaqqabuun eerameera.

Qindeessaan Nageenya Tiraafikaa Aanaa Dabra Libaanoos Gargaraa Inispeektaraa Haayilamaariyaam Dabaleen, ka’umsi balichaa ariitiin konkolaachisuu fi dursa waliif kennuu dhabuun kan uumame ta’uu ibsuu ragaan Kominikeeshinii Aanichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.