Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Daallee sadiitti riqicha laga Awweetuu fi Mardafoo Birrii miiliyoona 20n hojjetamaan ebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2013 (FBC) – Jilli Sadarkaa Itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa kilaastera Misooma Baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee sadiitti riqicha laga Awweetuu fi Mardafoo Birrii miiliyoona 20n hojjetamaan ebbisiiseera.
Ijaarsi Proojektii riqicha laga awwatuu bara 2006 kan jalqabe yoo ta, uu, proojektiiwwan bullenyii komii hawaasa kaasa turan keessaa isa tokko ta’uu himameera.
Akkasumas daandini cirracha Aanaa Daallee Sadii fi Jaajjoo Akakkilii wal qunnamsisu Kiiloo meetirri 9.8 Birrii miiliyoonaa 8 hojetames ebbifameera.
Bara kana daandiin cirracha Kiiloo meetira 74.6 bajaataa mootumma qarshii miliyoonaa 47 n kan hojetame ta, uu itti gaafatamaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Aanaa Daallee Sadii obbo Sharif Siraaji himaniiru.
Daandiin cirracha hojjetames gandoota baadiyyaa aanaa Daallee Sadii fi naannawaa ishee 24 walii qunnamsisuu danda’aas jedhamera.
Jilli Sadarkaa itti aanaa Preezdaantiitti Qindeessaa Kilaastera Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Mana Baruumsaa Ifa Boruu Sadii Caammoo Sadarkaa Lammaffaa Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daallee Sadiitti,ijaarsi isaa xumurarraa gahee daawwataan.
Manni Baruumsaa Ifa Boruu Sadii Caammoo Sadarkaa lammaffaa kun baajata mootummaa Naannoo Oromiyaa Birrii miliyoona 38.6n ,daree barnootaa 18,Mana Dubbisa Kitaabaa fi Laaboraatoriis kan guuttate ta’uu himame.
Ijaarsi Mana Barumsichaas yeroo ammaa harka 80 ol xumuramuu Kontiraakteerri Piroojektichaa obbo Badhaasaa Gaddafaa himaniiru.
Ijaarsi Mana Barumsichaas torban lama keessatti akka xumuramuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhalootaa qarome uumuuf xiyyeeffannoo addaa kennuun Manneen Barnootaa Ifa Boruu 100 ol ijaarsisaa jiraachuu Dooktar Girmaan himaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.