Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Daallee Sadiitti hordoftoota amantaa Islaamaa sooma Ramadaanaarra jiraniif sagantaan afxiiraa gaggeeffame

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Sadiitti hordoftoonni amantii kiristaanaa garagaraarraa walitti dhufan, hordoftoota amantaa Islaamaa sooma Ramadaanaarra jiraniif sagantaa afxiiraa gaggeesaniiru.

Baatiin Ramadaanaa kan nagaa, jaalalaa, tokkummaanii fi araaraati.

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee sadiitti baatii Ramadaanaa kana ilaalchisuun hordoftoonni amantii Ortoodoksii, Guutuu wangeelaa fi makaanayesuus walitti dhufuun hordoftoota amantii Islaamaa soomarra jiraniif, sagantaa afxaaraa qopheessaniiru.

Kun immoo jaalalaa fi tokkummaa waliif qaban mul’isuuf akka ta’e himan.

Dura taa’aan Majiliisa aanaa Daallee Sadii Sheek Qaasim Maammezeen waldaalee amantii kiristaanaa sirna afxiiraa qopheessan galateeffataniiru.

Akka gabaasa OBNtti Bulchaan aanaa Daallee Sadii Obbo Jaallataa Tujubaa fi itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Godina Qellem Wallaggaa obbo Badhaasaa Dhaabaa, sirnicharratti tokkummaan amantaalee kun hojii nageenyaa,misoomaa mootummaan hojjechaa jiru roga hundaanuu kan milkeessudhaa jedhaniiru.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.