Aanaa cirootti balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 8 darbe
Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)- Godina Harargee Lixaa aanaa Cirootti balaa tiraafiikaa qaqqabeen lubbuun Namoota 8 darbeera.
Godina Harargee Lixaa aanaa Ciroo Araddaa Yaabdoo Bobbaasaa iddoo addaa Kolooloo jedhamutti konkoolaataa Boottee Adaamaa irraa gara Ciroo osoo imalaa jiru konkolaataa deddeebisaa uummataa walitti bu’uun balichi qaqqabeera.
Balaa qaqqabeen lubbuun namoota 8 yoo darbu, namoota 19 miidhaa cimaan qaqqabuu ragaan waajjira kominikeeshiinii poolisii godina Harargee Lixaarraa argamee ni muul’dhisa.