Aanaa Ambootti hiriirri balaaleffannaa Shanee gaggeeffame
Finfinnee, Eebila 23, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Lixaa aanaa Ambootti hiriirri balaaleffannaa Shanee gaggeeffameera.
Aanichatti Shaneen gocha garaa jabinaa uummata aanichaarratti raawwachuu bulchaan aanaa Amboo Obbo Gizaw Tolaa eeraniiru.
Uummanni keenya rakkoo hammaataa kana na gaha jedhee Shanee balaaleeffannaa bira darbee of irraa qolachuutu irra jiraata jedhaniiru.
Shanee ofiirraa dhabamsiisuuf qaamolee nageenyaa waliin gurmoofnee hojjechuu qabna jedhaniiru.
Itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Tasfaayee Gosoomsaa gamasaaniin, Murni muraasni maqaa Shaneen gurmaa’e ergamtoota wayyaanee fi fakkaattoonni isaanii hawaasni Oromoo yeroo ifa argatetti dukkanatti deebisuuf kan dhamaatudha jechuu isaanii ragaan Waajjira kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.