Aadde Samariitaan barreessaa olaanaa Mootummaa Ayerlaand waliin mari’atan
Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasaw barreessaa olaanaa Mootummaa Ayerlaand Jooseef Hakeet waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo waloo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu danda’anirratti mari’ataniiru.
Aadde Samariitaan mootummaan guddina diinagdee saffisaa fi hunda galeessa mirkaneessuuf akkasumas balaawwan uumamaa hir’isuuf tarkaanfiwwan garaagaraa fudhataa jiraachuu ibsa taasisaniiru.
Ayerlaand muuxannoo damee misooma qonnaa fi nageenyaan qabdu Ityoophiyaaf kan qooddu ta’uu Jooseef Hakeet dubbataniiru.
Biyyattiin waggoottaan shanan darban gama fayyaa, qonnaa fi Eeggumsa hawaasummaan Ityoophiyaaf deeggarsa garaagaraa taasiisaa turuu eeganiiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii bifa haaraan cimsuuf waliigaluu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.