Fana: At a Speed of Life!

Aadde Samariitaa Sawaasaw Gamtaa Awurooppaatti Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa walii mari’atan

Finfinnee, Amajjii 9, 2015 (FBC) – Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samariitaa Sawaasaw Gamtaa Awurooppaatti jila Ergamtuu Addaa Gaanfa Afrikaa Dooktar Aneet Weebariin durfamu waliin mari’ataniiru.

Hariiroo diinagdee fi hawaasummaa Ityoophiyaa fi gamticha gidduu jiru haala caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Aadde Samariitaan, Gamtaan Awurooppaa deeggaraa misoomaa waaraa Ityoophiyaa ta’uu eeruun, walii galtee nageenyaa booda Kaaba Ityoophiyaatti naannawaa miidhaman deebisanii dhaabuuf hojiilee hojjetamaa jiruu fi hojiirra oolmaa fooyya’iinsa Diinagdee biyya keessaan misoomaa fi guddina biyyaa saffisiisuuf tattaaffii taasiifamaa jirurratti ibsa bal’aa kennaniiru.

Kutaalee hawaasaa walitti bu’iinsan miidhaman itti fufiinsan dandamachiisuuf, bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruuf qabeenyaa walitti qabuu akka barbaachisu himaniiru.

Ityoophiyaan tumsittoota dhaabbilee misoomaa waaraa kanneen akka Gamtaa Awurooppaa, deeggarsi itti fufaa akka taasisan amantaa qaban ibsaniiru.

Dooktar Aneet Webaar gama isaaniin, Ityoophiyaan Gaanfa Afriikaa tasgabbeesuu fi walitti hidhamiinsaa diinagdee naannawaa uumuuf biyya gumaachitu ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaatti nageenyi mirkanaa’uun walta’iinsa Gamtaa Awurooppaa waliin jiru cimsuuf barbaachisaa ta’uu eeruu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Gamtaan Awurooppaa walta’iinsa damee hedduu bakka turetti deebisuu fi sadarkaa caalurraan ga’uuf marii walitti fufiinsa qabuun, deeggarsa barbaachisaa taasisuuf gamtichi kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.