Fana: At a Speed of Life!

Aadde Sa’aadaan Ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) –Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Ayyanaa Qillee Sababeeffachuun erg baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa, guyyaa tokkummaa, araaraa, jaalalaa fi gammachuu kan ta’e, guyyaa yaadannoo Dhaloota Kiristoosiin baga nagaan geessan jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyuaateera.

Ayyaanni Qillee, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Dhalachuu Kiristoosiin ilmaan namaaf araarri, dhiifamnii fi fayyinni guyyaa itti argame ta’ee yaadatama.

Kana malees, imala cehuumsa boqonnaa haaraa uumama hundaaf kan akeekedha.

Gama biraan, tapha Qillee fi gugsa Fardeeniin dabaaluun aadaa fi duudhaa ummataa keessaa tokko ta’ee, sirnoota garaagaraan kabajamaa har’a gahe.

Ummanni keenya ollaa fi naannawaa isaan walitti dhufee, hariiroo hawaasummaa waliin gaggeeffatu daran cimsatee, kan waldhabe gidduutti araara buusee, nagaa qe’eefi ollaa isaa qajeelfatee, jaalalaan waliin jiraachuun kan beekamu, duudhaalee gaggaarii waliin qooddatu keessaa tokkodha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, duudhaaleen ummata keenyaa misooma, siyaasa, diinagdeefi hariiroo hawaasummaa keessatti gahee isaanii akka taphataniif xiyyeeffannoo duraa kennuun hojjechaa jira.

Eenyummaa keenya kaleessaatti deebinee, garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa jiru dhabamsiisuun, galma waloo waliin qabnu irratti fuulleffannee, mariifi marabbaan yaada wal jijjiirree, caayaa gaaddisa Oromummaa tokko jalatti wal geenyee, waa’ee egeree ummataafi biyya keenyaa irratti waliigallee, tokkummaa itichuun, nagaa waaressuun, lammiileen hundi Gadaa tokko jalatti hiriiranii waliin akka tarkaanfataniif hojjechuu irratti argama.

Injifannoo ummanni keenya kaleessa qabsoo isaan argate tiksuun, dachee uumamni faayee nu badhaase irratti jijjiirama caalmaaf hojjechuuf nagaan murteessaadha.

Nagaa waareessuuf mariitu furmaata. Mariin galma waloo waliin qooddannu akeeka. Giddu galli waliigaltee nagaafi araaraa dhiheenya taasifames kana bu’uura godhata.

Kunimmoo, injifannoo ummata keenyaa iticha. Galmi waloo keenya, dhaloota hiyyummaa dhaalu osoo hin taane, badhaadhina qooddachuun hawaasa diinagdee jabaa horate uumuudha. Kanaafis, bu’uurri badhaadhina maatii mirkaneessuudha.

Kana dhugoomsuuf, humna hawaasa keessa oolee bulee tajaajilu qabaachuu gaafata.

Imaammanni, tarsiimoofi karoorri Mootummaa salphaatti ummata bira akka gahuuf, galmoonni badhaadhinaa qabaman beekumsaafi hubannoo guutuun deeggaramuun saffisaan guddina barbaadamu akka dhugoomsaniif, ummanni keenyas tajaajila mootummaa isaa irraa barbaadu qe’ee isaatti argatee misooma isaa irratti akka bobba’uuf, gurmaa’iinsa sadarkaa Gandaa qajeeltoo Heera Naannichaa bu’uura godhateen hojiirra oolche.

Kunis, xiiqiin hojjennee abjuu badhaadhinaa, qe’ee lammiilee keessatti mirkaneessuun imala jalqabne saffisiisuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Caffeen Oromiyaas, sirni walhordofuufi to’achuu qaamolee mootummaa gidduutti diriire cimee, galmi badhaadhinaa qabame akka milkaa’uuf, caayaan Oromummaa, gaaddisni waloomaa, duudhaafi barsiifanni gaggaariin ummata keenyaa seerota, tarsiimoofi imaammattoota bahan keessatti gahee isaanii akka taphataniif, xiyyeeffannoo addaa kennee hojjeta.
Karoora bara kanaa milkeessuuf, ummanni keenya mootummaa waliin qindoomuun hojii hojjechaa jiru cimsee akka itti fufu dhaamaaniiru.

Ayyaana kana wayita kabajnus, humna, beekumsaa fi qabeenya qabnu qindeessinee, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuu akka qabnu dhaamsakoo dabarsaa, ayyaanni qillee kan milkii, jaalalaa, araaraa, injifannoofi badhaadhinaa akka ta’u maqaakoofi maqaa Caffee Oromiyaan hawwiin qabu ibsaa, irra deebi’uun hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraan baga jala bultii Ayyaana Qilleen isin gahe.

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Oromiyaa

Mudde 28 Bara 2017

Finfinnee

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.