Fana: At a Speed of Life!

Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Ayyaana Masqalaa Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2017(FBC)-Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan Ayyaana Masqalaa bara 2017 Sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin Masqallis tokkummaan jabaate, araarrii fi dhiifamni guyyaa itti dagaagu ta’uu akeeka jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanuutti dhiyaateera.

Ummata Oromoo maraaan, akkasumas, saboota, sablammootaafi ummattoota biyya keenyaa hundaan Baga Jala Bultii Gubaa Masqalaa (Daamaraa) 2017n Isin Gahe! Masqalli Oromoofi ummattoota biyya keenyaa biratti ayyaana jaallataamaafi hawwii guddaan eegamudha.

Masqalli Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti yaadannoofi hiikkaa of danda’e haa qabaatuyyuu malee, duudhaaleefi falaasama aadaa, akkasumas, uumaafi uumamaa hedduu of keessatti haammatee barii birraa ayyaana kabajamudha.

Birraan Quufa! Birraan miidhagduu akka misirrooti; namaafi horiitu abdiin eeggata.

Uumamatu leellifata. Dacheen magariisa uffatte ililii birraa urgaa’uun ijaafi qalbii namaa hawwatti.

Dargaggeessatu Goobee sirba. Shamarran Shinooyyee weeddisuun abdiifi gammachuu fuulduree isaanii kaadhimu.

Keelloon daraartee firii godhachuuf wayita aggaamtu, asheetni firii godhatee Oromoon xombora qabsiifatee Masqala simata.

Masqala keessaanis IRREECHA torbaniin maree dhufu kaadhimata.

Masqallis mallattoo quufaati. Oromoon ‘Masqalaafi Galgala Hin Waakkatan’ yommuu jedhu asheeta firiin hudhee boru gootaraa guutuuf oyiruu irraa mul’atu ilaala.

Arjummaa waakkii hin qabne, ayyaana quufaafi sugaan guutame ta’uu mirkaneeffata.

Tokkummaan jabaate, araarriifi dhiifamni guyyaa itti dagaagu ta’uu isaa akeeka.

Ummanni keenya Masqala wayita kabaju, bakka jiruu walitti dhufee gamtaan jala bultii irraa eegalee Daamaraa hidhee waliin gubee, waan qaburraas waliif qoodee gammachuuf jaalalaan ayyaanicha waliin kabajuun beekama.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, aadaafi duudhaalee ummataa sirnoomsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu galma ijoo isaa taasifatee hojjechuu irratti argama.

Sirni jabaa ijaarru duudhaalee ummata keenyaa bu’uura godhata. Hariiroo waliin jireenyaa cimsa.

Tokkummaa dagaagsa. Obbolummaan utubee, misooma waaressee cehuumsa diinagdee biyyaafi naannoo keenyaa dhugoomsa.

Miira tajaajiltummaa gonfachiisuun, aantummaafi quuqama ummataa akka qabaannu taasisa.

Qormaatilee imala keenya gufachiisan sakatta’uun fala waaraa kenna.

Gurmaa’iinsi haaraan qajeeltoo Heera Fooyya’aa Naannichaa irraa maddes meeshaa ittiin bulchiinsa gaarii mirkaneessinu, nageenya waaressinu, tajaajila si’eessinu, hariiroo hawaasummaa waloon qabnu ittiin cimsannudha.

Milkaa’ina isaafis mootummaafi ummanni harka walqabannee kan hojjennu ta’a.

Caffeen Oromiyaas, ergama dachaafi gahee bakka bu’ummaa ummataan itti kenname gochaan mirkaneessuuf hojiiwwan hariiroo ummataa cimsuu, tokkummaa obbolummaa ummattootaa dagaagsuu, rakkoo hawaas-diiangdee lammiilee furuuf hojimaata dandeessisan hojiirra oolchuuf murteewwan fudhatamaa turan tumsuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuurratti argama.

Yeroon keessa jirru yeroo jijjiiramaati. Jijjiiramni ammoo halkaniifi guyyaa, humnaafi beekumsa qabaniin ummataaf hojjechuun galma gaha.

Milkaa’inoonni keenya motora cehuumsa jijjiirama keenyaa ta’uu hubannee, ummata tajaajiluu, ummataaf hojjechuufi aantummaa qabnuuf gochaan mirkaneessuutu nurraa eegama.

Barri keessa jirru bara milkii, gammachuu, jaalalaafi badhaadhinaa akkasumas, hundi keenya bakka jirrutti cimnee hojjennee galmoota gurguddoo bara kanaaf karoorfannee hojjechaa jirru hirmaannaa ummata keenya bal’aan deeggaruun haa milkeessinu jechaa, irra deebi’uun ummata keenyaan Baga Birraa Masqalaa Waliin Geenye jechaa Masqallii baranaa kan nagaa, gammachuu, milkaa’inaafi badhaadhinaa hunda keenyaaf akka ta’u hawwiin qabu ibsa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.