Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufariiyaat Kamiil itti aantuu ministira alaa Xaaliyaanii waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariiyaat Kamiil itti aantuu Ministira Ministeera Dhimma Alaa Xaaliyaanii Imaanuuweelaa Deel Ree waliin bilbilaan mari’atan.
Aadde Mufariiyaat duulli olaantummaa seeraa mirkaneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa ture xumuramuu fi dhimma deeggarsa namoomarratti ibsa taasiisaniiru.
Hojiin duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu lammiilee nagaa fi bu’uraalee misoomaa haala hin miineen of eeggannoo cimaan raawwatamuu ibsaniiru.
Itti aantuun Ministira Ministeera Dhimma Alaa Xaaliyaanii Imaanuuweelaa Deel Reen gama isheen duula olaantummaa seeraa kabachiisuu keessatti of eeggannoo lammiilee nagaaf taasiifame diinqisiifataniiru.
Mootummaan Xaaliyaanii deeggarsa namoomaaf
galteewwan yaala fayyaa kan dhiyeessu ta’uu mirkaneessaniiru.
Hariiroo biyyoota lameenii bara dheeraa ture caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu eeraniiru.
Aadde Mufariiyaat Kamiil deeggarsa mootummaan Xaaliyaanii taasiiseef galateeffachuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.