Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufaariyaat Kaamil Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC)- Ministirri Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamil Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa Kaangi Sihookiihii mari’ataniiru.

Marii isaaniin hammatoowwan walta’iinsaa cimsuuf haalotaa dandeessisanirratti bal’inaan mari’achuu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Kennaa kalaqa dargaggootaa guddisuuf muuxannoo maloota saayinsaawaa Kooriyaa Kibbaa irraa fudhachuun walta’iinsaan hojjechuuf haalota dandeessisanirratti mari’achuu ministirittiin kaasaniiru.

Aadde Mufaariyaat humna namaa leenji’e gara kooriyaa erguu dabalatee dameewwan tumsaarratti waloon hojjechuuf mootummaan Ityoophiyaa fedhii olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Ambaasaaddarri Kooriyaa Kibbaa Kaangi Sihookiihii gamasaaniitiin, kanaan dura gootonnii Ityoophiyaa ummata Kooriyaa Kibbaaf gumaacha taasisaniif yeroo hunda olmaa oolamee kan yaadatamu ta’uun maqaa ummataa fi mootummaa Kooriyaa Kibbaan galateeffataniiru.

Damee leenjii teekinikaa fi ogummaa ammayyeessuun ogeessota gahumsa qaban horachuun gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta’uun hojiileen riifoormii eegaleme deeggarsa akka taasisan dubbataniiru.

Humna namaa ogummaa qabu gabaa Kooriyaa Kibbaaf gama dhiyeessuutiin Ityooophiyaan buufataa filmaataa ijoo ta’uu, akkasumas Afrikaa keessaa biyya gaaffiin kun dhiyaateef jalqabaa ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.