Fana: At a Speed of Life!

Aadde Mufaariyaat Afrikaa Bahaatti Daayrektara Dhaabbata Godaantotaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil, Afrikaa Bahaatti Daayrektara Dhaabbata Godaantotaa Idil Addunyaa Muhaammad Abdukar waliin mari’ataniiru.

Aadde Mufaariyaat, toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, nannawichatti misooma ogummaa fi carraa hojii dargaggootaaf uumuu, hojjettoonni bakka fedhanitti hojjechuu, mirgoota namoomaa fi hawaasummaa lammiilee eegsisuu irratti daayrektaricha waliin mari’ataniiru.

Ityoophiyaan, naannawichatti biyya fooramii ministirootaa dhimmoota yaa’iinsa hojjettootaan kan hoogganamtu akkuma taate, dhaabbatichi deeggarsa taasisuu cimsee itti fufuurratti, mari’achuu ibsaniiru.

Naannawicharra darbees biyyoota ardichaa fi biyyootaa biroo waliin sochii sirnaa fi walitti hidhamiinsa jijjiirraa humna nama barateerratti, dhaabatichi deeggarsa gama isaa akka taasisu mirkaneessuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.