Fana: At a Speed of Life!

Aadde Hiruut itti aantuu daayreektera jeneraala Dhabbata Kalaqa Qabeenya Sammuu Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Hiruut Zammanaan jila itti aantuu daayreektera jeneraala Dhabbata Kalaqa Qabeenya Sammuu Addunyaa Waang Biinyingin durfamu waliin mari’atan.

Ityoophiyaan hariiroo dhaabbaticha waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu aadde Hiruut himaniiru.

Dhaabbatichi deeggarsa teeknooloojii fi kalaqa qabeenya sammuu biyyoota guddataa jiraniif taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu abdii qaban ibsaniiru.

Waang Biinying gama isaaniin Ityoophiyaatti daawwannaan taasiisan kan jalqabaa ta’uu ibsuun, yeroo ammaa Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa ariitiin guddataa jiran keessa tokko ta’uu ishee eeraniiru.

Dhaabbatichi hariiroo cimaa, hunda galeessaa fi idil addunyaa Ityoophiyaa waliin qabu caalmaatti cimsuuf qindoominaan kan hojjetan ta’uu Waang ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa FDRIrraa argame ni agarsiisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.